Itiyoophiyaan biyyoota Baha Afrikaa Aadaafi Aartiin walitti hidhuuf hojjechaa jirti- Shawiit Shaankaa

Itiyoophiyaan biyyoota Baha Afrikaa Aadaafi Aartiin walitti hidhuuf hojjechaa jirti- Shawiit Shaankaa

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan biyyoota Baha Afrikaa Aadaafi Aartiin walitti hidhuuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii  Shawiit Shaankaan ibsan.

Dameewwan hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Ministiroonni Aadaa, Aartiifi Ispoortii biyyoota Baha Afrikaa Feestivaala Aadaafi Aartii Baha Afrikaa 2ffaarratti hirmaachaa jiran waltajjii marii gaggeessaniiru.

Dippiloomaasii aadaa cimaa ijaaruuf aadaa, aartiifi indaastirii biyyoottanii fayyadamuun barbaachisaa ta’uu Shawiit Shaankaan hubachiisaniiru.

Hirmaattonni feestivaalichaa aadaafi aartii waloon guddisuufi misoomsuuf kutannoo agarsiisaniif galateeffachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ministiroonni biyyoota Baha Afrikaa waltajjicharratti hirmaachaa jiran, Itiyoophiyaan sagantaa hariiroo uummattoota naannawichaa qopheessuun ishee waliin guddachuufi tumsaan hojjechuuf kutannoo qabdu  kan agarsiise ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaan giddugala Konveenshinii biyyoonni Afrikaa qabaachuu qaban akka qabduufi Finfinneenis imala jijjiirama hunda galeessarratti kan argamtu ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment