Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa ariitiin guddachaa jiran keessaa ishee tokkoodha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee,Mudde 1, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa ariitiin guddachaa jiran keessaa ishee tokkoo ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dameewwan guddina saffisaa agarsiisaa jiran keessaa Indaastiiriin Oomisha Warqee tokko ta’uu himaniiru.
Dameen kun Invastimantii biyya keessaa fi alaaf carraa olaanaa uumuun guddina saffisaa galmeessaa jiraachuu kaasaniiru.
Naannawaan oomisha Warqeen badhaadhan keessaa Shaakkisoo fi Gujiitti hojiin albuuda baasaan bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.
Dhiyeenya eebbifamuun hojii kan eegale dhaabbani Albuuda ‘YMG Gold Mining’ hawaasa naannawichaaf carraa hojii bal’aa uumuu kaasaniiru.
Warshaan kun warshaa teeknooloojii ammayyaa guuttate, eegumsa naannoof xiyyeeffannoo addaan hojjetu, warshaa kalaqaan guutame naannawaaf mijataa ta’uun isaa mirkanaa’edha jedhan.
Turtii koo Gujiin dhaabbilee oomisha Warqeen Itiyoophiyaatti adda duree ta’an keessaa tokko kan ta’e ‘Midrock Gold’ daawwadheera jedhan.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment