Itiyoophiyaan biyya qaamolee nageenyaa alaabaa ishee olkaasuu danda’an qabduudha – Komishinii Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Komishiniin Poolisii Federaalaa Qaammee 2 Guyyaa Wareegamaa marii paanaalii fi sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Guyyaan kun mata duree “Biyya wareegamaan ijaarmatee cimtee itti fuftu”jedhuun Waajjira Muummee Poolisii Federaalaatti kabajamaa jira.

Poolisiin Federaalaa kallattii maraan aarsaa barbaachisu kaffaluun biyya cimsuuf hojjachaa jiraachii Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel eeraniiru.

Wareegamtoota yaadachaa tajaajila fooyya’aa ta’e kennuun olaantummaan seeraa mirkaneessuu fi nageenyi akka waaru taasiisuun ni hojjenna jedhan.

Itiyoophiyaa sadarkaa Afrikaatis ta’ee Addunyaatti gama hundaan fakkeenya taate ijaaruu qindoominaan kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Biyyi Cichitee kan dhaabattu aarsaa dhaloonni yeroo yerootti kaffalaniini ta’uu kaasaniiru.

Wareegamummaan qabeenyaa fi beekkumsa kabaja biyyaaf gumaachuun gatii tola ooltummaa agarsiisuud kan dabalatu ta’uu dubbataniiru.

Leeyikun Alemii fi Fiqiramikaa’eel Zayyadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment