Itiyoophiyaan bara 2030tti waliin gahiinsa humnaa dachaa 4’n guddisuuf hojjechaa jirti

Finfinnee, Hagayya 10, 2016 (FBC)– Itiyoophiyaa Bara 2030tti waliingahiinsa humnaa dachaa 4’n guddisuuf hojjechaa jiraachuun ibsame.

Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa, Ministeera Bishaanii fi Inarjii akkasumas Dhaabbata Daldalaa fi Misoomaa Idil Addunyaa waliin ta’uun, dhiyeessii inarjii biyyattii damee faayinaansii fi invastimantiin tumsuu fi guddisuuf haala danda’amurratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Mootummaan damee invastimantii inarjiirratti hirmaannaa abbootii qabeenyaa guddisuuf onnachiistu invastimantii olaanaa akka kennu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Mootummaan bara 2030’tti dandeettii humna maddisisuu fi waliin gahiinsaa isaa dachaa afuriin guddisuuf hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Carraalee gaggaarii damichaan jiran fayyadamuu fi rakkoolee mul’atan gama furuutiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment