Itiyoophiyaan bara 2030tti facaatii HIV dhabamsiisuuf hojjetaa jirti – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Sadaasa 20, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan bara 2030tti facaatii HIV dhabamsiisuuf hojjetaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Bara 2027tti hamma nama dhibichaan qabamanii fi du’anii 1/10,000 gadibuusuuf hojjechaa jiraachuu eerameera.

Bara 2030tti ammoo hamma namoota dhibichaan qabamanii fi du’anii guutummaatti dhabamsiisuuf galmi qabamee hojjetamaa jira jedhame.

Bara Faranjootaa 2023tti namoota qorannoon taasiifameef Kuma 600 fi kuma 5 fi 238 keessaa vaayirasichi namoota kuma 500 fi kuma 47 irratti argamuu qorannoon ni mul’isa.

Saaxilamtoota kanneen keessaa % 98 qoricha farra HIV fudhachaa jiru jedhameera.

Dabalataan dhibichi Haadharraa gara daa’imaatti akka hin dabarre hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Waggaa 10 dura hammi dhibichi Haadharraa gara daa’imaatti darbuu % 40 kan ture yoo ta’uu, yeroo ammaa gara % 8.6tti gadi buusuun danda’amuu himeera.

Bara 2027tti ammoo gara % 5tti gadi buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment