Itiyoophiyaan baqattootaa fi Kolagaltoota miiliyoona 1 oliif eegumsa taasiisaa jirti jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii Godaantootaa Idil Addunyaaf kan dhiyaatu waadaalee 6 raggaasifte.

Yaa’iin Godaantoota Idil Addunyaa Baatii Muddee 2023 Isiwiizarlaandi Jeeneevaatti ni gaggeeffama.

Tajaajilli Godaantootaa fi Godaansaa deebitootaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa waliin ta’uun waltajjii qophaa’eerratti waadaalii kanneenirrati yaadni kennameera.

Jijjiirama qilleesaaf deebii laachuu, Buufataalee Baqattootaa muraasa gara magaalaatti guddisuu, Humna Mootummaa guddisuu, Eenyummaa biyyoolessaa Baqattootaa, lakkoofsa manaa fi hojimaatileen hammatamuu qaban Yaa’ii Godaantootaa Idil Addunyaaf akka dhiyaatan ragga’uu ibsameera.

Biyyattiin buufataalee Baqattootaa 26 keessatti Godaantoota miiliyoona 1 ol simachuun eegumsa taasiisaa jiraachuu Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Godaantootaa fi Godaansaa Deebitootaa Aadde Xaayibaa Hasan ibsaniiru.

Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin, Ministiroonni, Ministir Deetaawwan, Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Godaantootaa fi Godaansaa Deebitootaa Aadde Xaayibaa Hasan,bakka Buutoonni Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waltajjicharratti argamuu ibsameera.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment