Itiyoophiyaan baatii Onkololeessaa keessa Konfiraansiiwwan idil addunyaa garaagaraa keessummeessuuf qophii taasiifte – TKM

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan baatii Onkololeessaa keessa Konfiraansiiwwan idil addunyaa garaagaraa keessummeessuuf qophii taasisuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise

Ministir Deetaan Tajaajilchaa Salaamaawwit Kaasaan ibsa miidiyaaleef kennaniin baatiin Fulbaanaa darbe baatii guddina damee tuuriizimiif humni olaanaan itti uumame ta’uu kaasaniiru.

Kunis Ayyaanonni Addabaabaayii hedduun kan itti gaggeeffaman ta’uu yaadachiisanii, keessumaa Ayyaanni Masqaalaa, Irreechi, Iyyoo Masqalaaa, ayyaanonni jijjiiraa bara haaraa sabootaa fi kanneen biroon ummataa bal’aan kan itti ayyaaneffaman ta’uu himaniiru.

Ayyaanonni kunneen humna tuuriizimii biyyattii cimsuu, tokkummaa sabdaneessummaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa akka qaban kan mul’atedhas jedhan.

Dabalataan baatii Onkoloolessaa kana keessa Itiyoophiyaatti Konfiraansiiwwan idil addunyaa garagaraa kan keessummeeffaman ta’uu Aadde Salaamaawwit Kaasaan himaniiru.

Yaa’iin Ministirootaa Raayyaa Ittisaa Afrikaa, Walga’ii Kubbaa Miilaa Afrikaa fi waltajjiiwwan biroon akka gaggeeffaman eeranii, Koonfiraansiiwwan kanarraatti Itiyoophiyaan akka biyya qopheessituutti muuxannoowwanishee kan qoodduu fi karoora ishee kan beeksistu ta’uu dubbataniiru.

Walga’iiwwan gaggeeffaman cinaatti hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran hirmaattota koonfiraansiin kan daawwataman ta’uus himaniiru.

Koonfiraansiiwwan gaggeeffamaan kunneen milkaa’inaan akka xumuramaniif qophii gahaan taasifamuu himanii, Itiyoophiyaan giddugala dippiloomaasii fi koonfiraansii ta’uu mul’isuu fi faayidaa irraa argamuu guddisuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Gama biraatiin, inisheetiivii koodarota miiliyoona 5 ilaalchisee ibsa kennaniin, baatiiwwan sadan darban dargaggoonni kuma 242 galmaa’uun leenjicha fudhachaa akka jiranii fi kanneen xumuranis jiraachuu himaniiru.

Kanaanis hojjettoonni mootummaa, daraggoonnii fi lammiileen biroon fayydamtootaa ta’aa jiraachuu kaasanii, kanneen biroonis liinkiiwwan galmeef beeksifamaniin galmaa’uun leenjicharraa akka fayyadaman dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment