Itiyoophiyaan Argisiisaa Qilleensaa 18ffaa Dubaay irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Jilli Itaamaajoor Shuumii Waligalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu argisiisa humna qilleensaa fi egzibiishinii 18ffaa Dubaayitti gaggeeffamurratti hirmaachaa jiraachuun ibsame.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan sagantichaan cinaatti, hoggantoota olaanoo dhaabbilee oomishtoota meeshaalee waraanaa biyyoota garaagaraa waliin mari’achaa jiraachuun eerameera.

Haaluma kanaan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Itaamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Emereetota Araba Gamtoomanii Leetenaal Jeneraal Iisaa Al Maazuurii waliin walta’iinsa dhimmoota loltummaa biyyoota obbolaa lameen gidduu jirurratti mari’ataniiru.

Akkasumas Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan, argisiisa humna qilleensaaa irratti kan hirmaatan yoo ta’u, daawwannichaan cinaattis damee Saayinsii Hawaan hoggantoota dhaabbilee muuxannoo qaban waliin mari’ataniiru.

Dabalataanis, Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi qondaaltonni biroon argisiisicharratti hirmaachaa jiru.

Waggaa lama lamaan argisiisi qilleensaa Dubaayitti gaggeeffamuurratti teeknooloojiiwwan ammaayyaa’oo humna qilleensaa argisiisa fi gabaaf dhiyaachuu ragaan Abudaabiitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment