Itiyoophiyaan ajandaaleen waliigaltee Godaansaa akka raawwataman taasisaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan ajandaalee waliigaltee Godaansaa Imammataa misoomaa ishee garaagaraa keessatti hammachisuun akka raawwataman taasisaa jiraachuu Ministirri Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos ibsan.

Walga’iin Sadarkaa Ardii Waliigaltee Godaansa Idil Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Walga’ichaarratti Dooktar Geediyoon Ximootiwoos akka jedhanitti, Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2018 kan raggaasifame waliigaltee godaansaa idil addunyaa hojiirraa oolchaa jirti.

Ajandaalee 20 waliigaltichaa keessaa kudhaaniif dursa kennuu eeranii, ajandaaleen kunneenis imaammatoota fi karoora misoomaa garaagaraa keessatti hammatamuun raawwatamaa jiraachuu himaniiru.

Kanaanis godaansa idileen alaa ittisuu fi to’achuuf akkasumas godaansa idilee bal’isuun faayidaa godaansarra argamu guutummatti fayyadamuun raawwii fooyya’aan galmaa’uu ibsaniiru.

Karaa Gamtaa Walta’iinsa Godaansaa Biyyaalessaan gabaasni raawwii biyyaalessaa 2020 waliigaltichaa dhiyaachuu yaadachiisanii, waltajjiiwwan gamaaggama raawwii taasifamu irrattis dammaqinaan hirmaachaa turuu himaniiru.

Kunis Baha Afrikaatti biyya jalqabaa ta’uun hojiirra oolmaa waliigaltichaa bu’a qabeessa taasisuu keessatti akka eeramtu taasiseera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment