Itiyoophiyaan Addunyarratti dhiibba uumtuu akka taatuuf gaheen hogggantoota murteessaadha-Obbo Taggaasaa Caafoo

Finfinnee, Amajjii 13, 2016 (FBC)- Waltajjiiwwaan Addunyaarraatti dhiibbaa uumtummaan Itiyoophiyaa akka mul’atuuf dandeettiin hoggantootaa gahee olaanaa qabachuu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon ibsan.

Leenjiin namusa gamaa hundaa hoggantoota Mana Mare Bakka Bu’oota Ummatatti kennama jira.

Leenjicharratti Afyaa’ii Mana Marichaa ObboTaaggasaa Caafoon haasaawaa taasisaniin, dandeettii qondaaltoota olaanoo mana marichaa, walitti fufiinsaan ijaaruuf dirqamaa itti kennamee akka bahataniif hojiilee maqaa biyyaa dagaagsan akka hojjetaniif ta’uu eeraniiru.

Leenjicha kan kennan hayyuu dhalataa Itiyoophiyaa kan ta’an Dooktar Taarikuu Fufaa, dhiibbaa uumtuummaa Itiyoophiyaa guddisuuf dandeettiin qoondaltootaa gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Lammii hoggansaa fi dhaabbata biyya isaan boonuu horachuuf, hirmaannaan qaama hundaa hojiin mul’achuu akka qabu Dooktar Taarikuu Fufaa eeruu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment