Itiyoophiyaafi Singaappoor hariiroo diinagdee cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaafi Singaappoor hariiroo waloo diinagdee cimsuuf mari’ataniiru.

Daawwannaa hojii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Singaappooritti taasisan cinaatti Ministirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shiideen hooggansa biyyattii waliin dhimmoota hariiroo dinagdee waloo cimsanirratti mari’ataniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii yeroo dheeraa lakkoofsise akkaataa cimsuu danda’anirrattis dubbataniiru.

Hariiroon Itiyoophiyaafi Singaappoor bara Faranjootaa
1974 daawwannaa hooggansi biyyoota lamaanii yeroosanii gar-lachuuttuu taasisanirraa eegaluun cimaa dhufuu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shiidee himaniiru.

Kaampaaniiwwan biyyattis carraa investimentii Itiyoophiyaan qabdutti akka fayyadamaniif Obbo Ahmad waamciha dhiheessaniiru.

Itiyoophiyaan biyya uummata miiliyoona 120 ol qabdu gama diinagdeen michuu Singaappoor ta’uu akka barbaaddu fedhii jiru ibsaniiru.

Hariiroo dinagdeefi faayinaasii biyyoota lamaanii daraan guddisuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment