Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Jibuutiitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen Ministira Dhimma Biyya Keessaa Jibuutii Sa’iid Nooh Hasan waliin mari’ataniiru.
Mariisaaniin, haala godaansa seeraan alaa hir’isuun danda’amurratti mari’achuun ibsameera.
Embaasiin Itiyoophiyaa Jibuutiitti argamu qaamolee nageenyaa Jibuutii waliin ta’uun daddabarsa namoota seeraan alaa ittisuufi cancala faddaaltota seeraan alaa irratti tarkaanfii fudhachuuf mari’achuu eerameera.
Dabalataanis lammiileen deeggarsa seeraa barbaachisaa akka argatan gochuurra darbee lammiilee karaa seera qabeessa dhufan irra sarbama mirgaa mudatu sirreessuu dhimmoota dandeessisan irratti mari’achuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia