Itiyoophiyaa misooma ishee mirkaneeffachuun ala fedhii biyya kamiiyyuu miidhuu hin qabdu – Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Fulbaana 5, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaa misooma ishee mirkaneeffachuun ala fedhii biyya kamiiyyuu miidhuu kan hin qabne ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii qabdu haala haqa qabeessa ta’een fayyadamuun misooma ishee mirkaneessuun ala fedhii biyya kamuu miidhuu hin qabdu jedhan.

Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa biyyoota yaa’a gadiif faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuun misooma ishee mirkaneeffachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan Qajeeltoo fayyadamummaa waloo idil addunyaa bu’uura taasiisuun garaagarteen jiru mariin akka furamu murannoon qabaachuu eeraniiru.

Sosochiin fedhii misoomaa Itiyoophiyaa gufachiisuuf taasiifamu kamuu fedhatama kan hin qabne ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment