Itiyoophiyaa keessa dandeettii kalaqaa jireenya jijjiiran bal’aatu jira-Dooktar Ballaxaa Moollaa

Finfinnee, Sadaasa 23, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaa keessa dandeettii kalaqaa jireenya jijjiiran bal’aan akka jiran Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii DhaabbataWalta’iinsa Kibbaa walta’uun agarsiisni teeknooloojii Idil Addunyaa Golambaa Saayinsiitti gaggeeffameera.

Agarsiisichi Ardiiwwan garaagaraa waliin damee teeknooloojiin walta’iinsaa uumuu, beekumsa qooduu fi dandeetti kalaquu fi fayyadamuu cimsuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera.

Dooktar Ballaxaa Mollaan waltajjicharratti akka jedhanitti, damee teeknooloojii milkeessuuf biyyoota dandeetti horatan waliin hojjechuun bu’aan galmaa’aa jira.

Itiyoophiyaa keessas dandeettiin kalaqaa jireenya jijjiiruu danda’an akka jiranis eeraniiru.

Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Walta’iinsa Kibbaa Mansuur Biin Musaalam gama isaaniin, agarsiisichi ‘Istart Aappiif’, ogeeyyii kalaqaa fi biyyoota gidduutti raawwii fooyya’aa fi muuxannoowwan waljijjiiruu, akkasumas walirraa barachuu jajjabeessuun, gufuulee misooma teeknooloojii hambisuuf kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Hojiilee kalaqaa fi dandeettii teeknooloojii barattootaa cimsuuf biyyoonni miseensaa, guddina diinagdee irratti gumaacha akka taasisaniif ni tajaajila jechuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment