Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti ceesisuuf hannarratti kutannoon qabsoofna-Qondaaltota Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC)-Qabeenyi akka hinqisaasofnee fi hannaa irratti kutannoon qabsaa’uun Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti kan ceessisan ta’uu Qondaaltonni Olaanoo Paartii Badhaadhinaa ibsan.

Leenjiin marsaa jalqabaa qondaaltota olaanoo Paartichaaf mata dure “Idaarraa gara Miindaatti” jedhuun Magaalaa Adaamaatti kennamaa jira.

Leenjichi qabeenya kuufamaa sirriitti misoomsuu fi qisaasamni qabeenya akka hinjiraanneef kaka’umsa uumuuf kan kaayyeeffate ta’uu qondaaltonni leenjicharratti hirmaachaa jiran dubbataniiru.

Itiyoophiyaa biyya lammiilee hundaaf mijattu taate ijaaruun Afrikaatti fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf cimanii hojjechuu, hanna irratti kutannoon qabsaa’uun, qisaasamni qabeenyaa akka hinjiraane akka hojjetan himaniiru.

Keessumaa lafa utuu hinmisoomiin lafa ba’u misoomsuun, qabeenya bishaanii sirnaan fayyadamuu, albuuda misoomsuu dabalatee hojiileen garaagaraa bal’inaan hojjetamaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Hojiilee misoomaa bara 2016 karoorfaman ilaalchaa haaraan, saffisaa fi qulqullinaan milkeessuuf akka hojjetaan kan himan qondaaltonni kunneen, dhaloonni dhufu biyya fooyyofte akka dhaaluuf yeroo kamuu caalaa itti gaafatamummaa isaanii kan bahatan ta’uu himaniiru.

Rakkoolee gara carraatti jijjiiruun Itiyoophiyaan qabeenyaa qabdu guutummaatti faayidarraa oolchuun jijjiirama mirkaneessuun akka danda’amu leenjichaarraa hubachuus eeraniiru.

Leenjichi tokkummaa biyyaalessaa cimsuun rakkoolee hawaas-diinagdee dandeettii ofiin furuuf akka hojjetan humna ta’uus akeekaniiru.

Qabeenyaa uumuuf akkuma tattaaffiin taasifamu akka hinqisaasofnes to’annoo cimaa taasisuun gahee murteessaa hoggansaarraa eegamu ta’uu hubachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment