Finfinnee, Sadaasa 13, 2017 (FBC)-Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin nageenya Saayibariirratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Daayrektarri Oppireeshinii Saayibarii Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Haager Aschaalee akka jedhanitti, waliigaltichi damee saayibariin walta’iinsaan hojjechuu fi dandeettii ogeeyyii guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu himaniiru.
Dhaabbatichi haleellaa saayibarii ittisuu fi damee teeknooloojiin ogeeyyii ga’umsa qaban horachuuf waliigaltichi faayidaa olaanaa akka qabu ibsuu Ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Soda Addunyaa kan ta’e haleellaa saayibarii ittisuuf qamolee biroo waliin walta’iinsaan hojjechuun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Ajajaan Saayibarii Raayyaa Ittisaa Xaaliyaanii Koloneel Indiriyoonaan gama isaaniin, dhaabbileen lameen humna namaa teeknooloojii fayyadamuu danda’uu horachuuf waliigalticha qabatamaa taasisuuf ni hojjenna jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia