Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin dhimmoota dubartootaa fi Daa’immaniirratti tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen jila Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Xaaliyaanii Joorjiiyoo Siiliin durfamu waliin mari’ataniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii bara dheeraa kan lakkoofsise hariiroo cimaa ta’uu Dooktar Ergoogeen himaniiru.
Deeggarsaa fi tumsa cimaa Xaaliyaaniin Itiyoophiyaaf taasiifte dinqisiisfataniiru.
Xaaliyaaniin Piroojektoota dubartoota diinagdeen tumsuu fi fayyadamuummaa isaanii mirkaneessuuf qophaa’an akka deeggartu gaafataniiru.
Xaaliyaaniin tumsa hundagaleessa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu Joorjiiyoo Siiliin mirkaneessaniiru.
Dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessuuf Xaaliyaaniin qophii ta’uu eeruu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia