Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Turkii Barak Baaraan waliin mari’ataniiru.
Oomishaalee Qonnaa gara Turkitti erguu fi hariiroo damee dhuunfaa caalmaatti cimsuun madaala ulaa daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru dhiphisuun barbaachisaa ta’uu Obbo Garbaramasqal caalaan ibsaniiru.
Itiyoophiyaan damee Diinagdee abbootii qabeenyaa alaaf banaa taasiisuu eeruun, abbootiin qabeenyaa Turkii misooma Invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan waamicha taasiisaniiru.
Itiyoophiyaa fi Turki hariiroo diinagdee fi ummataa baroota dheeraa qabaachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Barak Baaraan himaniiru.
Turki gabaa Bunaa, Qal’ee fi kanneen biroon fedhii Oomisha daldala Alaa Itiyoophiyaa qabaachuu eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.