Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan marii furmaata adda baasurratti xiyyeeffate itti fufsiisuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa marii ollummaa gaarii fi tasgabbii naannaawaaf furmaata adda baasuu irratti xiyyeeffate itti fufsiisuuf waliigaluu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Ministeerri Dhimma Alaa marii mariisiisummaa Turkiin Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota lamaanii gidduutti gaggeeffame ilaalchisee ibsa kenneera.

Affeerraa Ministira Dhimma Alaa Riippaablika Turkii Hakaan Fuudaaniin Ministirri Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Taayyee Atsiqassillaasee fi Ministirri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Somaaliyaa Ahimmad Moo’eeliim Fiqiin Waxabajjii 24, 2016 Turki Magaalaa Ankaarratti wal arguun mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen himeera.

Mariin mariisisummaa Mootummaan Turkiin Ministiroota biyyoota lamaanii gidduutti gaggeeffame kun garaagartee biyyoota lamaan gidduu jiruuf dhimmoota furmaata fiduu danda’anirri haala ifaa fi michummaan guutameen mari’atamuu ibseera.

Ministiroonni lamaan garaagartee karaa nagaan furuuf murannoo qabaan himuu isaanii ibsichi eereera.

Mootummaan Turkii marii kana mijeessuun yaadni ijaarsaa akka ka’uuf ga’ee bahateef Ministiroonni biyyoota lamaanii galateeffataniiru.

Ministiroonni biyyoota lamaanii ollummaa gaarii fi tasgabbii naannaawaa tilmaama keessa galchuun marii furmaata adda baasuu irratti xiyyeeffate itti fufsiisuuf waliigaluu ibseera.

Ministiroonni lameen Pireezidaantiin Turkii Reesiip Xaayib Erdoogaan maricha keessummeessuu fi biyya isaanitti akka gaggeeffamu fedhii agarsiisa dinqisiifachuun marii marsaa 2ffaa Waxabajjii 27, 2016 itti fufuuf waliigaluu ibsichi eereera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment