Finfinnee, Mudde 25, 2017 (FMC)-Waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa bu’uureffachuun mariiwwan itti fufiinsaan gaggeeffamaa jiraachuu Ministerri Dhimma Alaa Beeksise.
Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon haala yeroo, siyaasa quubsumaa fi sochii dippiloomaasii Itiyoophiyaarratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsa isaaniin waliigaltee Somaaliyaa waliin mallatteessite bu’uureffachuun mariiwwan waaraan biyyoota lameen gidduutti gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.
Biyyoonni lameen hariroo isaanii cimsuu fi Alshabaabiin qolachuun naannawichaa shororkeessummaarraa qulqulleessuuf waliigalteerra ga’uu ibsaniiru.
Somaaliyaatti hojii humna nagaa kabachiisaa bobbaasuu ilaalchisees mariin gaggeeffamaa akka jiru, gaheen Itiyoophiyaa naannawichaafis ta’e Idil Addunyaaf barbaachisaa ta’uutti amanti jedhan.
Marii biyyoota lameen gidduutti gaggeeffamaa jirus sadarkaa Aanga’oota olaanootti Finfinneetti ni gaggeeffamaan kan eegamu ta’uu Ambaasaddar Nabiyaat dubbataniiru.
Gama biraatiin Itiyoophyan naannawichaaf keessumaa walitti bu’iinsi Sudaanitti mul’atu gara nagaatti akka dhufuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin tattaaffii taasisuu itti fufti jedhaniiru.
Walitti bu’iinsi Sudaanitti mul’atu akka dhaabbatuuf tattaaffiin taasiftu agargsiistuu nageenya naannawichaa mirkaneessuuf taasiftuuti jedhaniiru.
Wubirsiit Tasammaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia