Itiyoophiyaa fi Saa’uud Arabiyaan damee Boba’aa fi Inarjiin tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Saa’uud Arabiyaan damee Boba’aa fi Inarjiin tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Ministirri Inarjii Saa’uud Arabiyaa Abduul’aaziiz Biin Salmaan Al Saa’udiin waliigalticha mallatteessaniiru.

Biyyoonni lamaan tumsa dhiyeessa boba’aa babal’isuuf waliigalaniiru jedhame.

Damee Inarjii, Elektirikaa, Innooveeshinii, Nageenya Saayibarii fi kanneen biroon tumsaan hojjechuuf waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Hoggantoonni lamaan Yaa’ii Diinagdee Riyaaditti gaggeeffamaa jirurratti waliigaltee kana mallatteessuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment