Itiyoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaan Mana Maree Daldalaa hundeessan

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaan walta’iinsa diinagdee gamlamee cimsuuf Mana Maree Daldalaa hundeessan.

Manni marichaa bara Faranjootaa 2024 hanga 2028’tti kan turu yoo ta’u, qonnaa, albuuda, tuurizimii, manneen, indastirii nyaataa biyyoota lameenii dabalatee dameewwan garaagaraan walta’iinsa qaban cimsuuf akka hojjetan ibsameera.

Manni marichaa hundaa’uun qaama tarsiimoo Saa’udiin Itiyoophiyaa waliin walta’iinsa diinagdee qabdu dagagsuu ta’uu Arab News gabaaseera.

Daldala biyyoota lameen gidduu guddisuuf waliigalteerra ga’amuu gabaasichi ibseera.

Manni marichaa hundeeffamuun carraalee diinagdee biyyoota lameenii fayydamuun walta’iinsa jiru cimsuuf, hariiroo daldala saffisiisuu fi walitti hidhamiinsa diinagdee qindaa’aaf gahee murteessa akka qabaatu himameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment