Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin Rippaablika Cheekitti daawwannaa hojii taasiisaniiru.
Kaayyoon daawwannichaa hariiroo damee Turizimii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf ta’uu eerameera.
Ambaasaaddar Naasiseen ajandaalee Ministiroonni Muummee biyyoota lamaanii irratti mari’atanii turan akkaataa hojiitti hiikuun danda’amurratti Ministira Aadaa Rippaablika Cheek Maartiin Baaksaa waliin mari’ataniiru.
Damee Ijaarsa Dandeettii fi Gola Hambaa biyyaalessa Ammayyeessuuf tattaaffii taasiifamu tumsuurratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Ambaasaaddar Naasiseen hoggantoota olaanaa biyyattii biroo waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu eerameera.
Dameewwan Turizimii garaagaraarratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
All reactions:
33