Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC)-Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamageen Xurunaan Ministira Muummee Itti Aanaa Rippaabilikii Cheek Maariyaan Juureeskaa waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.
Hariiroo Itiyoo-Cheek baroota dheeraa lakkoofsise cimsuuf waliigaltee liqii fi walta’iinsa misoomaa irratti waloon hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessuu Obbo Tamasgeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Maariyaan Juureeskaa gama isaaniin Itiyoophiyaan sochii misoomaa gaggeessaa jirtu dinqisiifachuu ibsanii, mootummaan Cheek damee tuuriizimii fi eegumsa bineensota bosonaarratti walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu himaniiru jedhan.
Dhimmoota waloorrattis walta’iinsi biyyoota lameenii cimee akka itti fufu waliigalteerra ga’uu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia