Itiyoophiyaa fi Paakistaan hariiroo paarlaamaa isaanii cimsuuf waliigalan

Itiyoophiyaa fi Paakistaan hariiroo paarlaamaa isaanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 16, 2017(FMC) – Paakistaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar Dura Taa’aa Mana Maree Paakistaan Siiyeed Yusuuf Raazaa Gilaanii waliin mari’ataniiru.

Maree isaaniin, biyyoonni lamaan dinagdee, daldala, investimentii, aviyeeshinii fi jijjiirama qilleensaa irratti waltumsuuf waliigalaniiru.

Kana malees gama nageenyaa fi tasgabbii, aadaa fi tuurizimiinis tumsa gamlamee, naannawaa fi idil addunyaa qaban cimsachuuf waliigaluun himameera.

Qaamoleen lamaan waljijjiirraa jiloota sadarkaa olaanaa, akkasumas Mana maree Paakistaanitti Garee Michooma Paarlaamaa Itiyoo- Paakistaan hundeessuu fi hariiroo paarlaamaa cimsuu irratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Dooktar Jamaal kaka’umsa Mootummaan Itiyoophiyaa qindoomina naannawaa uumuuf mul’isaa jiruu fi biyyoota ollaa wajjin waliigaluun sochiiwwan shororkeessummaa ittisuun nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa waaressuuf ga’ee inni taphataa jiru ibsaniiru.

Keessumaa Embaasiin Itiyoophiyaa erga biyyattiitti banamee fi Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gara Kaaraachiitti balal’uu eegalee asi tumsi biyyoota lamaanii dabalaa dhufeera jedhan.

Dura Taa’aan Mana Maree Paakistaan Siiyeed Yusuuf Raazaa Gilaanii gama isaaniin hariiroon biyyoota lamaanii cimaa dhufuu fi biyyi isaanii Itiyoophiyaaf iddoo guddaa akka kennitu, tumsa gama hundaan jirus cimsuu akka barbaaddu mirkaneessaniiru.

Hoggansa Ministira Muummee FDRI’n jijjiirama ariifataa biyyattiitti galmaa’aa jiru dinqisiifachuu isaanii ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment