Itiyoophiyaa fi Oromiyaa bareechinee irreecha ceesisuutu nurra jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Oromiyaa bareechinee irreechas ceesisuu nurra jira jedhan Pireezidantin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Fooramii Irreechaa 5ffaa gaggeeffamerratti argamuun ergaa dabarsaniin, Irreechi bu’aa ba’ii keessa darbee warra irreecha dhoksuu, awwaluu fi salphisuu barbaadan caalee awwaal hunda diiggate dhaloota har’aan as gaheera jedhan.

Warraa waan baduu hindandeenye balleessuf yaalan, warra faalla aadichaa deemuun irreechatti maqaa biraa kennanii balleessuu barbaadanis, dhaloonni kun injifateera jedhan.

Irreechi uummata naannoo keenya bira darbee ayyaana sabaa fi sablammoonni kabajan ta’uu himaniiru.

Irreechi iddoo namni dhiifama itti waliif taasisuu, iddoo itti waaqa waliin araaramu fi tokkoomuu dha jedhanii, uummanni keenya rakkoollee jiran hunda dhiifamaan bira darbuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Salphinni kaleessaa akka nutti hindeebine jabaannee hojjachuutu nurra jira kan Pireezidaanti Shimallis, Itiyoophiyaa fi Oromiyaa bareechinee irreecha ceesisuu qaban jedhaniiru.

Hojiin aadaa haaromsuu xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa akka jiruu fi Caalmatti Oromummaa fi aadaa keenyatti deebi’uuf cimnee hojjachuutu nurraa eegamaa dubbatan.

Dhugaa namaa hinbarbaannuu dhugaa keenya barbaanna waaqnis nu gargaaraa kan jedhan Pireezidaanti Shimallis uummanni keenya waleegee, walkabajee socho’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Deeggarsaa fi qophii Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee taasisee fi qaamolee nageenya ayyaanichaa mirkaneessuuf qindoominaa addaan hojjechaa jiranis galateeffatanii, Irreechi kan gammachuu fi nagaa akka tahu hawwaniiru.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment