Itiyoophiyaa fi Kooriyan Kibbaa hariiroo Daldalaa fi Invastimanti cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)–Itiyoophiyaa fi Kooriyan Kibbaa hariiroo Bizinaasii fi Invastimantii caalmaan cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsan.

Hojii Rawwaachisaa Olaanaan Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwaan Indaastirii Itiyoophiyaa Obbo Akiliiluu Taaddasaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibba Kaangi Siiyukiihe waliin mari’ataniiru.

Marichi kan gaggeeffame hariiroo biyyoota lameen gidduu waggoottan dheeraaf ture gama Bizinasii fi Invastimantiin jiru akkaataa cimsuun danda’amurratti akka ta’e ibsameera.

Obbo Akiliilu Taaddasaan, hariiroon biyyoota lameen giddu jiru hariiroo dhiigaaf lafeerratti hundaa’ee ta’uu ibsaniiru.

Kana caalmaatti cimsuuf walta’iinsaan hojjechuu akka barbachisu kaasaniiru.

Dabalataanis, Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa keessatti damee oomishtummaan Abboottii qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa haaraan akka boba’aniif caalmaatti walitti dhufeenyaan hojjechuun kan barbachisu ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibba Kaangi Siiyukiihe gama isaaniin, hariiroon Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa giddu jiru seenaa irra darbee gara guddina, misoomaa fi walta’iinsa invastimantiitti guddachuu akka qabu dubbachuu ragaan Koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment