Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa sagantaa waljijjiirraa Aadaa gaggeessan

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa sagantaa waljijjiirraa Aadaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaniiru.

Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi Kantibaa magaalaa Chuunchoo Yook Doong Haan dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamuu ragaan Waajjira Kantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Sagantichaa guyyaa michummaa magaalaa Finfinnee fi Chuunchoo waggaa 20ffaa sababeeffachuun kan qophaa’e ta’uu eerameera.

Comments (0)
Add Comment