Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaa fi Koongoo Biraazaaviil damee geejjiba qilleensaan waloon hojjechuuf waliigaltee gamlamee mallatteessaniiru.
Waliigaltichas Ministirri Ministeeraa Geejjibaa Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi Ministirri Siviil Aviyeeshinii Marchanti Neevii Koongoo Biraazaaviil Oneeree Saay mallatteessaniiru.
Dooktar Alamuu Simeen wayita waliigaltichaatti, Itiyoophiyaa fi Koongoo Biraazaaviil hariiroo dippiloomaasii kan qaban ta’uu caalaa, dhaabbilee naannawaa fi ardichaa keessatti ejjennoowwan walta’iinsarratti bu’uureffatan, dammaqinaan tarkaanfachiisuun, galmoonni Gamtaa Afrikaa akka milkaa’an gahee isaanii bahachaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Oneeree Saay gama isaaniin Itiyoophiyaa fi Koongoo Biraazaaviil gidduutti waliigalteen mallatteeffame hariiroo biyyoota lameenii daran akka cimsu, waliigaltichi damee aviyeeshiniin waloon hojjechuu fi damichaan galmoota qabaman hojiirraa oolchuuf kan tumsuudha jedhaniiru.
Waliigaltichi deddeebii balalii, bakka ga’umsaa, mirgoota tiraafikaa, akaakuu xiyyaaraa, lakkoofsaa daandiiwwan qilleensaa bakka bu’aa fi dhimmoota walfakkaatan irratti daangaa kan hinkeenye ta’uun, hariiroo gama dippilomaasii, hawaasummaa fi diinagdee cimsuuf gahee olaanaa qabaata jedhameera.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gara Koongoo Biraazaaviilitti torbanitti balaliiwwan torba kan gaggeessu yoo ta’u, waliigalteen kun biyyoota lameen gidduutti mallatteeffamuun, balalii gara biyyattiitti taasisuu cimsuun dirree tajaajila isaa babal’isuuf haala mijataa fi carraa gabaa dabalataa kan uumu ta’uu ibsamuu ragaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksiirraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia