Itiyoophiyaa fi Keeniyaan dhimmoota Gumrukaa tumsaan hojjechuu qabanirratti mari’atan

Itiyoophiyaa fi Keeniyaan dhimmoota Gumrukaa tumsaan hojjechuu qabanirratti mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2017(FMC) – Itiyoophiyaa fi Keeniyaan buufataalee daangaa babal’isuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Komishiniin Gumrukaa Itiyoophiyaa fi Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Keeniyaa, akkasuma qooda fudhattoonni biyyoota lamaanii bakka argamanitti mari’atamuun ibsameera.

Bulchiinsoonni Gumrukaa daldala guddisuu fi sirna to’annoo daangaa cimsuun hojii ijoo ta’uu Komishinarri Komishinii Gumrukaa Obbo Dabalee Qaabataan dubbataniiru.

Dhaabbileen kunneen qooda isaaniin sirnaan bahuuf dhaabbilee gitaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban himuu ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni mul’isa.

Komishinichi tumsa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Keeniyaa waliin qabu caalmaatti cimsuu akka qabu eerameera.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment