Itiyoophiyaa fi Jarman dhimmoota Nageenyaa fi misoomaarratti caalmaatti tumsaan kan hojjetan ta’uu beeksisan

Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Jarman dhimmoota Nageenyaa, misoomaa fi dameewwan biroon caalmaatti tumsaan kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti Koreen Dhaabbii dhimmoota Hariiroo Alaa fi nageenyaa jila Paarlaamaa Jarman waliin mari’ateera.

Hariiroo biyyoota lamaanii dhimmoota caalmaatti cimsuu danda’anirratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii eerameera.

Itiyoophiyaa fi Jarman hariiroo seenaa qabeessa, tumsa qabeenya diinagdee fi misoomaa bara dheeraa qabaachuu Walitti Qabaan Korichaa Dooktar Diimaa Nagawoon eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa Jarman dameewwan Invastimantii Albuudaa, Oomishaa fi kanneen biroorratti bobba’anii yoo hojjetan bu’aa qabeessa ta’uu akka danda’an Dooktar Diimaan ibsa taasiisaniiru.

Dooktar Diimaan haala Waqtaawaa Itiyoophiyaa ilaalchisuun jilichaaf ibsa laataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment