Itiyoophiyaa fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii bittaaf gurgurtaaf maallaqa isaanii fayyadamuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii bittaaf gurgurtaaf maallaqa isaanii fayyadamuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessa Itiyoophiyaa Obbo Maamoo Mihiratuu fi kan Emireetoonni Araba Gamtoomanii Mahaammad Baalaamaan waliigalticha mallatteessaniiru.

Biyyoonni lamaan maallaqa isaanii fayyadamuuf waliigalteerra ga’aniiru.

Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf kan hojjetan ta’uu Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa ibsa baaseen eereera.

Waliigaltichi hariiroon biyyoota lamaanii cimaa dhufuu mul’isa jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment