Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa waraanaa qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa waraanaa qaban caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Jilli Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu Fooramii Shaanshaan 11ffaa Beejingitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.

Jilichi fooramichaan cinaatti Ajajaa Humna Qindoomaa Waraana Chaayinaa Jeneraal Luu’ee Zhiin Lii waliin dhimmoota waloorratti mari’ateera.

Ce’umsa Teeknooloojii, meeshaalee fi ijaarsa dandeettii irratti tumsa biyyoota lamaan caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Aanga’oonni lamaan dhimmoota tumsaan hojjechuuf irratti waliigalan hojiitti hiikuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment