Itiyoophiyaa fi BRICS gidduutti mariin walta’iinsa diinagdee cimsuu gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Biyyoota miseensota BRICS gidduutti mariin walta’iinsa diinagdee cimsuuf dandeessisu gaggeeffameera.

Hinditti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dammaqaa Axinaafuun, Hundeessaa Mana Maree Iindaastirii fi Daldalaa BRICS Dooktar Maadkarii Fi Ittaanaa Hundeessaa Mana Marichaa Suushii Shiingi waliin mari’ataniiru.

Martii isaaniinis, Itiyoophiyaa fi biyyoota miseensota BRICS gidduutti walta’iinsa dinagdee cimsuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Kana malees, Itiyoophiyaa fi BRICS gidduu hariiroo daldalaa fi invastimantii haala guddisuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment