Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil Keeniyaatti Komishinara Olaanaa Baarbaadoosii fi Naayiroobiitti bakka bu’aa dhaabbii Mootummoota Gamtoomanii Wiiliyaam Aleeksaandar Maakdoonaaldi waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti marii bu’aa qabeessa mari’achuu Aadde Mufariyaat fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Raawwii misoomaa humna namaa fi bobbiirratti xiyyeeffachuun mari’achuu himaniiru.
Wiiliyaam Aleeksaandar Maakdoonaaldi Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf murannoo agarsiisaniif galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia