Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Baankiin Misooma Afrikaa Waldaalee Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa qonnaarratti bobba’an tumsuuf waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 43 mallatteessaniiru.
Waliigaltichas Ministiraa Ministeeraa Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Itiyoophiyaatti Daayrektarri Baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Abdul Kaamaaraan mallatteessaniiru.
Waliigaltichis seektara qonnaa tumsuu fi carraa hojii uumuu cimsuuf kan oolu ta’uun eerameera.
Misooma waldaalee maayikiroo, xixiqqaa fi giddugaleessaan carraa hojii uumuu, dorgomtummaa cimsuufis kan tumsu ta’uun eerameera.
Dabalataan, omishtummaa dabaluu, guddina waliigalaa fi diinagdee damee hedduu biyyattiin ijaaruuf tattaaffii taasisaa jirtuuf kan gumaachu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.