Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee liqii fi deeggarsaa Doolaara biiliyoona 1.72 mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee liqii fi deeggarsaa Doolaara biiliyoona 1.72 mallatteessaniiru.

Waliigalteen liqaa fi deeggarsaa kunis Itiyoophiyaatti Pirojetoota ja’a misooma waaraa mirkaneessan hojiirra oolchuuf kan ooluudha jedhameera.

Waliigaltichas Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee fi Itiyoophiyaatti Daayrektarri Baankii Addunyaa Osmaan Diyoon mallatteessaniiru.

Deeggarsa taasifame keessaa Doolaara miiliyoona 300 kan ta’u naannawaa baadiyyaa Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffi taasifamu saffisisuuf kan tumsu, ijaarsa bu’uuraalee misoomaaf kan ooluudha jedhameera.

Doolaara miiliyoona 200 ammoo Itiyoophiyaatti sagantaa seeftineetii hojiirra oolaa jiru cimsuu fi babal’isuuf kan oolu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun waliigaltee liqaa keessaa Doolaraa miiliyoona 300, jireenya horsiisee bultootaa fi gariin horsiisee bultootaa naannawaa Gammojjiitti argamanii fooyyessuuf kan ooluu ta’uu eerameera.

Doolaara miiliyoona 522.6 ol ammoo waliingahiinsaa humna elektirikii babal’isuu fi anniisaa haareffamaa maddisiisuuf deeggarsa taasifamu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment