Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan walta’iinsa damee eegumsa naannawaarratti qaban kan cimsan ta’uu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)– Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan walta’iinsa damee eegumsa naannawaarratti qaban cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsan.

Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoon miseensota Garee Jilaa Azarbaajaan waliin eegumsa naannawaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuurratti mari’ataniiru.

Obbo Taaggasaa Caafoon akka jedhanitti, Itiyophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan sochii bu’aa qabeessaa taasisaa jirti.

Eegumsa naannawaa fi jijjiirama qabeenyaa qilleensaa gama ittisuunis biyyoota biroo waliin walta’iinsaan hojjechaa akka jirtu eeraniiru.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaan Mootummaa Azarbaajaan waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu garee jilichaaf mirkaneessaniiru.

Garee jila Azarbaajaan waliinis jijjiirama qilleensaa Idil Addunyaa ittisuun, hariiroo gamlamee cimsuuf mari’achuun eerameera.

Faayinaansii jijjiramaa qilleensaa ittisuuf barbaachisu argachuuf waloon kan tattaafatan ta’uu himaniiru.

Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtomanii COP29 dursanii murteewwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf dabarfaman hojiirra oolchuuf waloon kan hojjetan ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment