Itiyoophiyaa fi Ayerlaandi waliigaltee Deeggarsa Yuuroo miiliyoona 8.4 mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa Itiyoophiyaa fi Ayerlaandi waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 8.4 mallatteessaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Ministir Deetaan Ministeera Misooma Idil Addunyaa fi Diyaaspooraa Ayerlaandi Shoon Fileenmiing waliigalticha mallatteessaniiru.

Miiliyoonni 5 sagantaa Seeftineetiif, miiliyoonni 3 misooma itti fufaa fayyaaf kan oolu ta’uu eeraniiru.

Kumni 400 ammoo fooyya’insa Diinagdee biyya keessaaf kan oolu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment