Itiyoophiyaa fi Angoolaan waliigaltee tajaajilaa qilleensaa fooyyessuun mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Angoolaan waliigaltee tajaajilaa qilleensaa qaban fooyyessuun mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Obbo Geetaachoo Mangistee fi Walitti Qabaa Boordii Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Biyyalessa Angoolaa Ameeliyaa Doominiigees Kuviinguwaan mallatteessaniiru.

Biyyoota lameen gidduutti waggoota 47’n dura waliigaltee tajaajila qilleensaa mallatteeffamee ture, Daangaa Qilleensaa Afrikaa keessaa daangaa malee tajaajila balalii kennuuf kan dandeessisuudha jedhameera.

Bu’uura waliigaltichaan lakkoofsa dandiilee qilleensaa bakka bu’an, deddeebii balalii, akaakuu xiyyaaraa fi tuqaawwan bakka ga’umsaa irrattokan daangaa hinqabne, Finfinnee fi Angoolaa gidduutti mirga tiraafika balalii 3ffaa fi 4ffaa akkasumas Afrikaatti ammoo mirga 5ffaan balaliisuu akka danda’an ibsameera.

Daandilleen qilleensaa bakka bu’an walii isaaniin qaama 3ffaa waliin shariikummaan hojjechuu akka danda’anii fi tajaajila balalii qaraxa dachaarraa bilisa taasifamuuf waliigaltichi mallatteeffamuu ragaan Siviil Aviyeeshiniirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment