Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan damee Teeknooloojiin waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan damee Teeknooloojiin waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Itiyoophiyaa Ministeera Beekumsa Diinagdee,Istaart Aappii fi Intarpirayiiziiwwan Maayikiroo Aljeeriyaa waliin hojjechuuf waliigaluun ibsameera.

Agarsisnii fi Yaa’iin Istaart Aappii Afrikaa 3ffaan Aljeeriyaa Magaalaa Aljeersitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichaan cinaatti Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayisaa Badhaadhaan Ministira Ministeera Beekumsa Diinagdee,Istaart Aappii fi Intarpirayiziiwwan Maayikiroo Aljeeriyaa Nuraadiin Udaahiin waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhaabbileen lameen dameewwan Innooveeshinii,Teeknooloojii, Qorannoo fi ijaarsa dandeettii humna namaan waloon hojjechuf waliigalaniiru.

Itiyoophiyaan dameewwan Isaart Aappiin hojiilee hedduu hojjechuun lammiileen fayyadamoo akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Dooktar Baayisaan ibsuu ragaan Ministeerichaarra argame ni mul’sa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment