Itiyoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa dhimmoota loltummaarratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa hariiroo isaanii yeroo dheeraa lakkoofsise cimsuun dhimmoota loltummaarratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Daayrektarri Misoomaa fi Barnootaa Raayyaa Ittisaa Afrikaa Kibbaa, Itti Gaafatamaa Qajeelcha Olaanaa Leenjii fi Barnootaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itiyoophiyaa Leenenaal Jeneraal Yimar Mokonnin waliin dhimmoota leenjii fi barnoota loltummaarratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

Biyyoonni lameen raayyaa waraanaa isaanii ammayyeessuuf tattaaffii taasisaniin, muuxannoo walii qooduuf haala mijataa uumuuf waliigalteerraa ga’amuu Leetenal Jeneraala Yimar Mokonnin ibsaniiru.

Daayrektarri Misoomaa fi Barnootaa Raayyaa Ittisaa Afrikaa Kibbaa Birgaader Jeneraal Zoodii Sawaa gama isaaniin Itiyoophiyaan bilisummaa Afrikaa Kibbaaf gumaachi taasifte olaanaa akka turtee yaadachisan.

Ijaarsa raayyaa ittisaa ammayyaa’aaf waloon hojjechuuf waliigalteen irra ga’an Raayyaa Ittisaa biyyoota lameeniif gumaachi qabaatu olaanaadha jedhaniiru.

Keessumaa Afrikaan Kibbaa milkaa’inaalee ergama nagaa kabachiisuu fi ammayyummaa humna qilleenssaan muuxannoo qabdu qooddachuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Afrikaan Kibbaa koolleejjiiwaniif deeggarsa meeshaalee fi sirna barnootaa bocuun deeggarsa akka taasistu ibsuu ragaan Raayyaa Ittisaa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment