Itiyoophiyaa Biyyaa Raayyaa Ittisaa qormaata gara injifannootti jijjiiru qabduudha -TKM

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) –Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa guyyaa Raayyaa Ittisaa 116ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Itiyoophiyaa Biyyaa Raayyaa Ittisaa qormaata gara injifannootti jijjiiru qabdu ta’uu ibseera.

Ministeerri Raayyaa Ittisa biyyaa Onkololeessa 15, bara 1900 hundaa’uu ibseera.

Itiyoophiyaan guyyaa kanaaf iddoo addaa kan laattu ta’uu kaaseera.

Guyyaan kun walharkaa fuudhinsa dhalootaan har’a ga’uu kaasuun, yeroo ammaa dhaabbata Raayyaa Ittisaa guddaa ta’e qabaachuu ibseera.

Raayyaan Ittisaa waggoota 116 har’aa hundaa’e gootummaa abbootii fi jaalala biyyaa cichoominaan itti fufsiisuu kaaseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Wareegama seenaa qabeessa raawwachuun biyya baraaraa har’a ga’uu ergaa isaan himeera.

Birmadummaan ishee kabajamee, tokkummaan bulchiinsa ishee eegamee, biyya dhiigaa fi lafeen dhalootaa dhalootatti ceete Seenaa boonsaa jaarraa tokko lakkoofsiseen ijaaruun himeera.

Raayyaa Ittisaa missiraachoo injifannoo labsuu fi qormaata Itoophiyaa mudatu kamiiyyuu injifannoon ce’uun biyya cichoominaa fi gootummaan har’aan ga’e jechuun ibseera.

Durii eegalee wabii birmadummaa, madda injifannoo, wayita qormaataa gaachana ta’uun biyya kan ceesiise Raayyaa Ittisa biyyaa gootummaan leellifamu ta’uu ibseera.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa har’as akkuma kaleessaa humnoota farreen nageenyaa qolachuun biyya tiksaa, nageenya ummataa mirkaneessaa, wabii birmadumaa, gaachana yeroo rakkoo ta’uu itti fufuu kaaseera.

Lammiileen Itiyoophiyaa hundi hojiilee irratti babbo’anirratti akkuma miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa gootummaa, cichoominaa fi miisa jaalala biyyaan hojjechuu akka qaban dhaameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment