Finfinnee, Mudde 29, 2017 (FMC)-Itiyoophiyaa Afrikaa keessaa bakka ga’umsaa tuuristootaa filatamtuu taasisuuf bakkeewwan hawwata tuuriizimii jiran sadarkaa Idil Addunyaa akka guutan taasifamaa jiraachuu Ministeerri Tuuriizimii ibse.
Ministirri Ministeerichaa Salaamaawit Kaasaan sirna kabajaa Ayyaanaa Qillee Magaalaa Laalibalaatti kabajamaa jiru irratti haasawaa taasisaniin, bakkeewwan hawwata tuuriizimii jiran misoomsuu fi haaraa hojiin ijaaruu cimee itti fufuu himan.
Kana malees to’annoon dhaabbilee kenniinsa tajaajila tuuriizimii akka dabalu, invastimantiin tuuriizimii akka babal’atu, galii sharafa alaa damichaa akka guddatuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaas Afrikaarraa bakka ga’umsaa tuuristootaa filatamtuu taasisuuf bakkeewwan hawwata tuuriizimii jiran sadarkaa Idil Addunyaa guutanii akka misoomsaman taasifamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.
Bakkeewwan hawwata tuuriizimii haaraa babal’isuu, teeknooloojii giddugaleeffachuun bakkeewwan hawwata tuuriizimii beeksisuu, kutaaleen hawaasaas damicharraa fayyadamtoota akka ta’an bal’inaan hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia