Itiyoophiyaa Addunyaatti beeksisuuf maqaa gaarii ijaaruun barbaachisaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Amajjii 2, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa sirriti beekuu fi Addunyaa biraaf beeksisuuf maqaa gaarii biyyaattii ijaaruun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsan.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 38ffaaf tajaajila tola ooltumaa kennuuf leenjii kan fudhatan Masaraa Biyyaalessaa, Paarkii Tokkummaa ,Goda Hambaa Saayinsii fi Paarkii Michummaa daawwataniiru.

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ,Itiyoophiyaan biyya qabeenya seenaa Boonsaa qabdu ta’uu yaadachiisaniiru.

Seenaawwan kanneen beekuu fi beeksisuu keessatti Tola ooltonni maqaa gaarii biyyaattii ijaaruu akka qaban dhaamu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tola Ooltonni kunneen gamasaaniin, Biyya isaaniif Ambaasaaddara ta’uun damee bobba’anirratti maqaa gaarii Itiyoophiyaa beeksisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment