Itiyooophiyaan rakkooleen Giddugala Bahaa akka furaman Dhaabbilee Idil Addunyaa waliin walta’iinsaan ni hojjetti-MDhA

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan rakkooleen naannawaa Giddugala Bahaa akka furaman Itiyoophiyaan dhaabbilee idil addunyaa waliin walta’iinsaan kan hojjettu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Ministir Deetaan Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan akka ibsanitti, Itiyoophiyaan imaammata hariiroo alaa fedhii fi faayidaa biyyaalessaa ishee bu’uureffatan kan tarkaanfachiistuudha.

Jalqabaa fi xumurri dippiloomaasii Itiyoophiyaa faayidaa biyyaalessaati kan jedhan Ambaasaaddar Misgaanuun dippiloomaasichi nageeya fi misoomaa biyyaalessaa kan giddugaleeffate ta’uu ibsan.

Sadarkaa Idil Addunyaattis ejjennoon Itiyoophiyaan fudhattu akkaataa faayidaa biyyaalessaa isheen madaaleen akka ta’e kaasaniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo ummataa fi ummataa akkasumas quubsumaa naannawichaa waliin qabduun jeequmsaa naannawichatti uumamu faayidaa biyyaalessaa isheerratti dhiibbaa akka qabaatu dubbataniiru.

Haaluma kanaan rakkooleen naannawichaa akka furamanii fi faayidaaleen biyyaalessaa ishee akka kabajaman, biyyoota michuuwwanii fi dhaabbilee Idil Addunyaa waliin walta’iinsaan kan hojjettu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Imaammanni alaa Itiyoophiyaa biyyoota ollaaf dursa kan kennu ta’uu eeruun, keessumaa jeequmsi biyyoota ollaa keessaa Itiyoophiyaas kan tuqu ta’uu dubbatan.

Boora’uu nageenya biyyoota ollaatti mul’atan tasgabbeessuuf gahee nagaa kabachiisuu ishee cimstee kan itti fuftuudhas jedhan.

Dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirra darbees naannawichatti walitti hidhamiinsa diinagdee uumuuf hojiileen dippiloomaasii gaggeeffamuu ibsaniiru.

Karra galaanaa dabalatee qabeenya uumamaa jiran misoomsuun waloon fayyadamuu fi walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa fi daldalaa cimsuuf, guddina waloo mirkaneessuuf, hariiroo ummataa fi ummataa cimsuuf hojiileen dandeessisan hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment