Itiyoo-Teleekoom Hararii fi Haramaayaatti Neetworkii dhaloota 5ffaa eegalchiise

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)- Itiyoo-Teleekoom Magaalaa Hararii fi Magaalaa Haramaayaatti tajaajila Neetworkii Dhaloota 5ffaa (5G) eegalchiise.

Sirni tajaajilicha eegalchiisuuratti Hojii Raawwachiistuun Itiyoo Telekoom Firehiiwoot Taammiruu, Qondaaltoonni Mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Firehiiwoot Taammiruun, dhaabbatichi tajaajila kennuu hunda saffisaa fi qaqqabamaa taasisuuf hojiilee bal’aa hojjechaa akka jiru eeruun, tajaajila si’ataa hawaasaaf kennu cimsee itti fufuuf Tajaajila Neetwoorkii Dhaloota 5ffaa (5G) diriirsaa jira jedhan.

Itiyoo Telekoom kanaan dura tajaajilicha Magaalaa Jigjigaa akkasumas Magaalaa Dirree Dhawaatti eegalchiisuun ni yaadatama.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment