Itiyoo Teelekoom Pirojektii “Mobile Network Solution” hojii eegalchiise

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)-Itiyoo Teelekoom gandoota baadiyyaa 305’tti dhaqqabamaa kan ta’e pirojektii “Mobile Network Solution” ijaarsisuun hojii eegalchiise.

Ijaarsi pirojektichaa boqonnaan jalqabaa xumuramuu hordofee Hojii Raawwachiistuun Itiyoo-Teelekoom Firehiiwoot Taammiruun Godina Walaayittaa Aanaa Naannawaa Sooddootti tajaajilicha eegalchiisaniiru.

Tajajailaachaan naannawaa baadiyyaa waliingahiinsi neetiwoorkii hinjirre kan jiraatan jiraattoota kuma 903 yeroo jalqabaaf fayyadamtoota tajaajila neetiwoorkii kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Kunis dhaabbatichi kutaaleen hawaasaa kamuu tajaajila quunnamtiin ala akka hintaaneef taasisuuf kutannoo qabu kan argisiisu ta’uu eeraniiru.

Tajaajilchi akkaataa barbaachisummaa isaatti humna neetiwoorkii guddisuu haalaa danda’uun anniisaa Aduun kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Godina Guraagee Aanaa Izhaatti tajaajila neetwook eegalchiiseera.

Obsee Waaqgaarii fi Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment