Itiyoo Teelee Koom Tajaajila ‘Kooppar Isiwiich of’ jedhamu ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 14, 2017 (FBC) – Itiyoo Teelee Koom sararoota Koopparii gara Faayibariitti jijjiiruu Interniitii Biroodbaandii ammayyaa abbaa haadaa fi tajaajila sagalee Daataatarratti hundaa’e dhiyeessuuf Tajaajila ‘Kooppar Isiwiich of’ jedhamu ifoomseera.

Kooppariin waggoota 150 oliif Indaastirii Teelee Koomii keessatti tajaajiluu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teelee Koom Fireehiyiwaat Taammiruun eeraniiru.

Itiyoo Teelee Koom tajaajila fooyya’aa maamiltootaaf dhiyeessuuf sarara Faayibarii kaffaltii tokko malee kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru.

Bara kana Magaalaa Finfinneetti maamiltoota kuma 60 fi magaaloota naannoleetti maamiltoota kuma 40 fayyadamoo ni taasiisa jedhan.

Boqonnaa jalqabaan sararoota maamiltoota kuma 31 jijjiiruuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.

Magaalaan Finfinnee waggoottaan sadan itti aanaan keessa, Magaalota Gurguddoo naannolee, Godinaalee fi Aanaalee ammo Waggoottaan shanan itti aanaan keessaa tajaajilicha guutummaatti waliin gahuuf karoorfamuu eeraniiru.

Mintasinoota Mulugeetaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment