Itiyoo Injiinariingi Giruuppi beekkamtii hojiirra oolmaa sirna hoggansa hojii qulqullinaa argate

Finfinnee, Amajjii 24, 2016 (FBC)-Itiyoo Injiinariingi Giruuppii fi warshaaleen oomisha maashinaa fi qaamolee jijjiirraa haaraa isa jalatti hojjetan, beekkamtii hojiirra oolmaa sirna hoggansa hojii qulqullinaa (ISO) argatan.

Dhaabbatichi rakkoo qulqullinaa oomishaa fi tajaajilaa akkasumaas gurmaa’ina jijjiiramaan dura irratti mul’achaa akka turee fi oomishaalee fedhii maamilaa hin eegne oomisha turuun eerameera.

Jijjiiramaan boodas fooyya’iinsa gurmaa’iinsaa fi hojmaataa taasisuu akkasumas oomishalee qulqullina isaanii eeggatan oomishuu eegaluu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Ambaasaddar Suleemaan Daddafoon ibsaniiru.

Haaluma kanaan dhaabataa biyyaaf bu’aa buusu akka ta’uuf hojiilee bal’aa hedduun hojjetamuu eeran.

Oomishaale garaagaraa qulqullinaan oomishuun hanqina oomishaa biyya keessatti mul’atu guutuuf dhaabbatichi hojjechaa jiraachuun kaasaniiru.

Indaastiriiwwan dhaabbaticha jalatti bulaanis beekkamtii qulqullinaa akka argatan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Mija’ummaa fi Madaallii Itiyoophiyaa Ma’aazaa Abarraan gama isaaniin, dhaabbatichi hojmaata qulqullina oomishaa idil addunyaan hojjechuuf kutannoon argiiise kan dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru.

Zabiib Takalaayitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment